Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

 

Ibsaa ejjennoo koraa miseensota ABO kutaa  kanadaa
 
 
Ebla 13, 2008 - (Kanada) Korrii miseensota ABO kutaa Canada caamsa 11-13 deemsifamaa ture milkii fi injifatnoon xumuramee.

J/Odaa Xasee miseesa gumii saba ABO fi I/G Birkii Jarmiyaa fi Siyaasa biyyaa alaa kora kana irratti argamuudhaan haala dhaabnni keenya keessa jiruu fi itti baha walgahii GS-ABO , haala naannawa biyyaa, haala gaafa afrikaa fi addunyaa gadi fageenyaan ibsanii jiru.

Koraa kana irratti barnoonni siyaasa fi workshopiin adda addaa qoondaalota kutaa kanaadan kan kennamee yoo ta’uu, miseensi kutaa kanaa hirbuu fi waada knaan dura seene bifaa waloon haarmsachuun murtiilee cicimoo qabsoo keenya uf dura tarkaamfachiisuu danda’an dabarsee jira.

Murtilee fi Ibsa ejjennoo Korrii kun dabarfatee

Murtiilee walgahiin GS-ABO sadaffaa dabarsee guutu guututti ni fudhannaa hojjittii hiikuuf yoomu caala ni qabsoofna.

Tarkkaafii WBOn Zoonilee WBO cufa keessatti diina irratti fudhachaa jiru ni dinqisiifannaa. ABO fi waraanni isaa WBOn daran cimee humna rakkina gaafa afrikaa furuu danda’u akka ta’uuf hirmaannaa qabsoo keessatti qabnuu daran guddisuuf murteeffannee.

Motummaan goleessituu wayyaane dhaaba keenya ABO maqaa xuressuu fi walumaa gala eenyummaa ummata keenya balleessuuf tattaaffi isheen gootu ni balaalleffannaa, fashalsiisufis ni qabsoofna.

Dinaggeen qabsoodhaaf murteessa ta’uu hubannee gumaachaa dinaggee braa kanaa oli kaasuf tokkon tokko miseensi ABO kutaa kanaadaa buusii miseensumaatin alatti ja’a sadan as deemu kana keessatti wareegama diinagddee baafnnee qabsoo oromo ABO dhaan durfamu uf dura tarkkaamfachiisuf murteeffannee.

Gochaa sukkanneessa fi goolessummaa motummaan wayyaane baqattoota oromoo biyyaa sumaaliyaa magaalaa Bosaaso irratti rawwaattee ni balaalleffannaa. Gumaan dhiiga ilmmaan oromo akka bahu waan danddeetti keenyaa hunda ni gumaachina.

Shororkaa gandummaa fi gartummaa diinni saba keenyaa,miseensa fi qondaalotaa keessatti facaasuf tattaafatu hundeen buqqisnee uf keessaa dhabamsiisuf murteeffannee.

Hawaasni oromoo biyyaa ambaa jiru hundii akka sabatti harka wal-qabatee qabsoo isaa finiinsuuf wareegama akka kafaluu danda’uu tasiisuf qaroomaan hojjechuuf murteeffanne.

Bobbaa diinni konyaale ABO kutaa kanaada irratti godhuu akkumaa knanaan dura fashalsiisa turree ammas daran jabaannee gamtaan dura dhaabachuuf waada ni seenna.

Mararfannaa fi jaalala ummati keenya dhaaba keenya ABOof qabuu dinqisifachaa, fuula duraas abbaa qabsichaa kan ta’e uummanni oromo kan dur caalaa qabsoo isaa fiixa baasuf wareegama irraa eegamu akka bahuu danda’u yaamicha lammummaa ni goonaaf, hawaasummaa uummata keenyaa naannawa jirru hundatti gabbisuuf dirqama miseensummaa bahuuf murteefane.

Tokkummaan saba keenya, akka sabatti jabaannee mullannee jiraachuufis ta’e bilisummaa hawwinu goonfachuuf bu’uura ta’uu hubannee, daran tiksuu fi saba keenya walitti itichuu fi qabbsuuf ni qabsoofna.

Tokkummaan qabsa’oota, wareegama gootota oromo irrati kan ijaarame ta’uu hubannee, hafura jaallummaa uf jidduti dagaasinee dhaloota dhufuuf dabarsuuf waada keenya daballee haaromsineera.

Lafinaa fi jabinaa keenyaa xinxallee jabinaa qabnuu gabbifachaa laffinaa qabnuu irratti hojjechuuf murteeffannee.

Barnoonni Siyaasa fi Hawaasummaa dhaabni keenya karaa sab-qunnamtiin kennuu dinqisifachaa, bifa barnoota kana bakka oromoon jiru hundatti ciminaan akka kennamu qabu itti amanne. Nutis gama kenyaan dirqama kana hojjitti hikuuf ni hojjennaa.

Ofi qeequ, wal-qeequ, ofi qul-qulleessuu fi wal-qulqulleessuun amala qabs’oota akka ta’e hubannee, fuula duraa naamusni kun kutaa kanadaa keessatti daran akka dagaagu irratti hojjechuuf murteeffannee.

Ijaaramuun uummata keenyaa uf duree saba keenyaatif murteessaa akka ta’e hubannee, walda hawaasa, dubartoota, dargaggoo,manguddoo fi hawwaan oromo kutaa keenya keessatti daran cimsinee ijaaruf murteeffannee.

Hamee fi gumgummii diinnonnii qabsoo keenya laaffisuuf facaasan ammaan booda akkaa hin keessumsiisnee miseensonnii fi qondaalonni daballee waada seennaa. Jaallewwan keenyaa zooni biro keessa jiraataniifis wamichaa goona. 

Dirqama dhaabaa kan akka miseensaa fi qondaala dhaabaatti qabnnu hundaa qulliqullumaa, amanumummaa, sabbonummaa fi namuusa olaana ta’een ba’uuf kakuu fi waada duraan seennee bara kana haaromsinee. 

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Injifatnoon Ummata Oromoof!

Ebla 13, 2008

 

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net